Get Mystery Box with random crypto!

WANGEELA AYYAANAA ==================== Dubbiiwwan jajjaboo go | YESUS NI DHUFA

WANGEELA AYYAANAA
====================

Dubbiiwwan jajjaboo gootichi haaromsaa Maartin Luuter dubbate keessaa muraasni:-

1) Kadhannaan waldaa kristiyaanaatiif dallaa, dahannoo fi meeshaa waraanaa gaarii dha.

2) Wangeelli, Macaafa Qulqulluu qofa irratti hin barreeffamne; mukkeen, daraarawwan, duumessa, urjiiwwanii fi wantootni hundinuu hojii dinqii fi fayyisuu Waaqayyoo dhugaa ba'u.

3) Jiraachuuf somba keenyaan hafuura baafachuu nu barbaachisa; kadhannaan ammoo sana caalaatti kristiyaana tokko ni barbaachisa.

4) Waaqni tolfamaan addunyaa kanaa sooruma, gammachuu foonii fi of-tuulummaa dha.

5) Nageenyi kan jiraatu yoo dandaa'ame qofa; garuu Dhugaan yeroo kamuu jiraataa dha.

6) Amantiin dhuunfaatti waan ta'eef akkuma xiyya ifaa daandii sirrii irra adeema. Garuu jaalalli obboloota hundumaatti calaqqisuudhaan faffaca'ee kallattii hundumaa irra yaa'a.

7) Seerri sodaa firdii fi du'aaf hojjeta; Ayyaanni immoo abdii fi araaraaf hojjeta.

8) Hiriyummaa, hariiroo fi dhaabbatni dinqisiisaan gaa'ela caalu lafa kana irra hin jiru.

9) Gaafa hundumaa, Yesus guyyaa kaleessaa waan du'e natti fakkaata. [Hojiin Yesus fannoo irratti hojjete, du'ee du'a na oolchuun isaa taatee sammuu koo keessatti iddoo ol aanaa qabu waan ta'eef.]

10) Bakka Waaqayyo waldaa kristiyaanaa dhaabu maratti Seexanni immoo chaappilii [waldaa xiqqoo] dhaaba.
--------------------------

Wabii:- Dubbii Jiraataa [fb page]




============
J o i n & S h a r e
============

@MaranataYesuus
@MaranataYesuus
@MaranataYesuus